Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfa 2 maallaqa sobaa kuma dhibba 1 fi kuma 80 baankiitti geessun jijjiiruuf yaalan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC)- Namoonni dhuunfa 2 maallaqa sobaa kuma dhibba 1 fi kuma 80 baankiitti geessun jijjiiruuf yaalan har’a to’annaa jala oolaniiru

Namoonni lameen kun maxxansaa Baankii Bunna Interanaashinaal Maqalee damee Moomiinaa fi Baanki Innaat damee Adiiyaaqiin haguuguun maallaqa sobaa Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 80 ol baankiitti geessun jijjiiruuf yaalan to’annaa jala oolaniiru.

Shakkamtonni lameen to’annaa jala olaan hojjeettota Baankii Niib damee Kaazaanchis waliin %40 baankiif %60 ammoo ofiif fudhachuuf waliigaltee taasisun konkolaataa isaanii keessa baasun jijjiiruuf wayita yaalanitti eeruu baankicha qaqqabeen to’annaa jala oolu ibsameera.

Gargaaran daayreektara faayinaansii fi qoraataa yakka daldala komiishinii poolisii federaalaa Komiishinaar Birhaanu Abbabaa turti Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, poolisii federaalaa damee ittisa yakka waliin hordoffii taasifameen shakkamtonni kanneen to’annaa jala oolaniiru jedhan.

Kanarra darbees mana jireenyaa shakkamtoota kunneen Tulluu Dimtuutti argamu sakatta’uun Birriin sobaa kan biroon argamu Komiishinaar Birhaanu himaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.