Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dabalataa 1,472 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,472 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,851 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,472 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhaban14 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 692 darbeera.

Haaraan kan dandamata 267 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 15,262 ga’eera.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 32,143 qaqqabeera.

Namoonni 275 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 26,187 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 775,908 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.