Fana: At a Speed of Life!

Namoonni boba’aa seeraan alaa daldalan 34 to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 24, 2017 (FBC)- Magaalaa Hawaasaatti namoonni boba’aa seeraan alaa daldaluurrratti bobba’an 34 to’annoo jala oolfamuu Komishiniin Poolisii Naannoo Sidaamaa beeksise.

Bittaa fi gurgurtaa boba’aa seeraan alaa ittisuuf koreen hundaa’ee hojii eegaluu fi boba’aa naannicha seenu haqaan kaayyoo karoorfameef akka ooluuf hojjechaa jiraachuu Komishinarri Komishinichaa Shimallis Toomaas eeraniiru.

Haaluma kanaan namoota seeraan alaa jaarkaanii fi qaruuraa pilaastikaan boba’aa gurguruuf yaalaan 32 akkasumas Buufannii gurgurtaa boba’aa erga cufameen booda abbootii qabeenyaa waliin ta’uun gurgurtaa kan turanii fi tumsa taasisan hojjetoonni Biiroo Daldalaa fi Indaastirii lama to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan buufata gurgurtaa boba’aa seeraa fi qajeelfama Biiroo Daldaala fi Indaastirii hinkabajne tokko maallaqaan yoo adabamu, buufanni biraan tajaajila akka hinkennine samsamuu mirkaneessaniiru.

Masaafinti Iyyaayyutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.