Fana: At a Speed of Life!

Namoonni Birriin sobaa  kumni 58 harkatti qabame to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Namoonni  Birriin sobaa  kumni 58 harkatti qabame 2 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Shakkamtoota kanneen keessaa tokko kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 7 naannoo Awutoobistaraa jedhamuun beekamutti ta’uu ibsameera.

Shakkamaan kun naannoo Awutoobistaraatti mana nyaataa seenee erga tajaajilameen booda Birrii sobaa abbaa 200 wayita kaffalu abbaan mana nyaatichaa sirrummaa Birrichaa shakkuun eeruu poolisiif kenneen shakkamicha harkaaf harkatti to’annaa jala oolchuun danda’amuu eerameera.

Sakattoo korojoo pilaastikaa namichaarratti taasifameenis maallaqni sobaa abbaan noottii  200 Birriin kumni 57 fi 600 argamuu poolisiin ibseera.

Qorannoo shakamaa kanarratti gaggeeffameen namni dhuunfaa biraa  Birrii sobaan bittaa fi gurgurtaa raawwateera jedhame to’atamuu fi gipii isaa keessaa Birriin sobaa abbaa  noottii 200 argamuu ragaan Poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Walumaagalatti shakkamtoota lameen harkatti Birriin sobaa kumni 58 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Namoonni Birrii sobaa fayyadamuun karaa seeraan alaa fayyadamoo ta’uuf socho’an seeraan akka gaafataman taasisuuf qindoominni hawaasni taasisaa jiru cimee akka itti fufu poolisiin waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.