Fana: At a Speed of Life!

Namoonni 87 vaayrasii koroonaarra damdamatan giddugala damdamannaa galma barkumeeti bahan

 

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Namoonni 87 vaayrasii koroonaarra damdamatan giddugala damdamannaa galma barkumeeti bahan.

 

Koollejjii Meedikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawulosa jalatti kan argamu giddugala damdamannaa galma barkumee keessaa namoonni 87 vaayrasii koroonarra damdamatan bahuu isaanii ibsameera.

 

Daayrektarri kilinikaalaa giddugalichaa Dooktar Wulataaw Caannee akka ibsanitti wayita ammaa giddugalicha keessa namoonni qoranoon vaayrasii koroonaa irratti argame 656 yaala isaanii hordofaa jiru.

 

Kanneen keessaa namoonni 157 firiin qorannoo laboraatoorii jalqabaa vaayrasii koroonaarra damdachuun (negative) kan agarsiisu ta’uu ibsuun, namoonni 87 guyyaa har’aa giddugalichaa bahaniiru.

 

Ityoophiyaatti namoonni qorannoon vayrasiin koroonaa irratti argame keessaa hanga kaleessatti namoonni 620 damdamachuu ni beekkama.

 


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.