Fana: At a Speed of Life!

Namoonni 63 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 63 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Gabaasa sa’aa 24 kanaan qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 4457 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 63 irratti vaayrasichi argameera.

Umriin isaaniis waggaa 14 hanga 76 ta’uu beeksisaniiru.

Namoota 63 keessaa 42 dhiirota, 21 ammoo dubartoota ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gabaasichaan ifoomsaniiru

Hundinuu lammiilee Ityoophiyaati.

31 Finfinneerraa, 3 naannoo Amaaraarraa, 1 naannoo Tigraayirraa, 9 naannoo Somaalrraa,4 magaalaa Dirree Dawaarraa, 2 naannoo Kibbaarraa, 4 naanno Affaar, 5 naannoo Oromiyaarraa, 3 naannoo Gaambeellaarraa, 1 naannoo Hararii ta’uun beekameera.

Haaraa kan dandamatanis 91 ta’uun ibsameera.

Waliigala namoonni 1213 kan dandamatan ta’uun beekameera.

Namoonni 2 vaayrasichaan lubbuun isaanii darbeera.

Waliigala namoonni 74 lubbuun isaanii darbeera.

waliigalaan qorannaadhan kan irratti argame 4532.

Wallaansa cimaa hordofaa kan jiran namoota 32.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.