Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaan garee shororkeessaa Shaneef loojistikii dhiyeessuun shakkame to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Nama dhuunfaa garee shororkeessaa Shaneef loojistikii dhiyeessuun shakkame to’annaa jala oolchuu Poolisiin naannoo Uummattoota Kibbaa beeksise.

Shakkamtichi naannoo Uummattoota Kibbaa godina Gaamoo aanaa naannawaa Arbaaminci bakka Shaaraa jedhamutti to’atamuu ibsameera.

Ajajaan Poolisii aanichaa Ittaanaan Koomaandaraa Kibabaw Adaal, shakkamaan Daargee Goobanaa jedhamu godina Gujii Lixaa aanaa Abbayyaatti garee shororkeessaa Shaneef loojistikii dhiyeessaa turuu ibsaniiru.

Shakkamtichi poolisii Humna Addaa naannoo Oromiyaan barbaadamaa turuufi odeeffannoo aanaa Abbayyaarraa argamerratti hundaa’uun hordoffii taasifameen aanaa Naannawaa Arbaaminci bakka Shaaraa jedhamutti mana nama dhuunfaa keessa dhokatee bakka jirutti to’annoo jala ooluu eeraniiru.

Ajaja barbaachaa mana murtiirraa kennameen kan to’atame shakkamtichi Poolisii naannoo Oromiyaaf dabarfamee kennamuu dubbachuu ragaan Poolisii Naannoo Uummattoota Kibbaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.