Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa kamiyyuu meeshaa waraana harkasaarratti argamu kamiyyuu buufatale poolisii kutaa magaaloota 11tti galmeessu qaba –Poolisii Finfinnee

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Namni dhuunfaa kamiyyuu meeshaa waraana harkasaarratti argamu kamiyyuu buufata poolisii kutaa magaaloota 11 keessatti galmeessu akka qabu Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Haala nageenya waqtaawaa ilaalchisee hawaasni tokko ta’uun naannoosaa wayita eeguu eegumsaasaa cimsuun meeshaan waraana harka nama dhuunfaarratti argamu guyyoota lama keessaatti buufata poolisiitti argamuun akka galmeessisuu ibsameera.

Jiraattoonni magaalichaa hariiroo qaamolee nageenyaa waliin qabu cimsuun odeeffannoo wal jijjiiruu naannoosaa humnoota farraa nageenyaarra akka eeguuf ibsameera.

Kanafis galmeechi barbaachisaa ta’uu hubachuun yeroo laatamee keessaatti namni dhuunfaa kamiyyuu meeshaa waraanaa harkasaarra jiru akka galmeessisuu ergan darbuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.