Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa Birrii sobaa kuma 25 sangaa bite to’atame

Finfinnee, Adoolessa15, 2014 (FBC)- Naannoo Gambeellaa godina Maajang aanaa Goodareetti namni dhuunfaa Birrii kuma 25 sangaa bite to’atamuu ibsame.

Shakkamichi yakkicha erga raawwateen booda naannawaa sanaa baduu fi hordoffii poolisiin taasiseen guyyaa 5 booda to’atamuu Ajajaan Qajeelcha poolisii godinichaatti Ittaanaan Koomaandaraa Nabiyaat Damissee ibsaniiru.

Poolisiin yeroo ammaa shakkamticha to’annaa jala oolchuun qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.

Poolisiin hordoffii taasiseen shakkamaa fi sangaa Birrii sobaan bitame to’annoo jala oolchuu kaasuu ragaan kominikeeshinii aanaa Goodareerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.