Fana: At a Speed of Life!

Namichi yeroo jalqabaaf kaleen booyyee jijjiirameef ji’a lamaan booda lubbuun darbuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2016 (FBC) – Namni maqaan isaa Richaard Riik Silaayimaan jedhamu Wal’aansa Baqaqsanii yaaluun kaleen booyyee jijjiirameefi ji’a lamaan booda lubbuun darbuu ibsameera.
Lubbuun nama kanaa kan darbuu danda’eef sababa kaleen booyyee wal’aansaan jijjiiramee galeen ta’uu mallattoon agarsiisu kamiyyu hin jiru jechuun, Hospitaalli Waliigalaa Masaachuseetis beeksiseera.
Yaaliin qaamolee booyyee qacceen sanyii isaanii fooyyeeffame warra kaaniif jijjiiruun kanaan dura hin milkoofne ture.
Wa’laansi baqaqsanii yaaluu Silaayimaaniif taasifame garuu boqonnaa seena qabeessa ta’edha jedhamee milkaa’inni isaa jajamaa tureera.
Silaayimaan dhibee kaleetiin alatti dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaas qaba ture.
Silaayimaan kalee booyyee yeroo jalqabaatiif namaaf kenname fudhatus, seenaa qaama biraa booyyeerraa fudhatame namaaf jijjiiranii galchuu keessatti garuu isa jalqabaa kan hin taane ta’uu BBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.