Nageenyii fi tasgabbiin walitti hidhamiinsa naannawaa cimaaf murteessadha jedhame
Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun walitti hidhamiinsa naannawaa cimaaf murteessa ta’uu hayyoonni damechaa himan.
Dhaabbata Giddugalaa Qo’annoo Walitti Hidhamiinsaa Biyyaalessaa Fi Naannawaa Jedhamutti Hayyuu Seenaa Fi Xiinxalaan Dhimmoota Afrikaa Obbo Abrahaam Muluu turtii FBC waliin taasisaniin, Afriikanonni hedduun sadarkaa yaadatti kan tarkaanfachiisaa turan, dhimmoota hawaas-dinagdee cimaa hundeessan qormaata keessa galee turuu yaadachiisan.
Ta’us, yeroo ammaa walitti hidhamiinsa naannawaa dhugoomsuuf nageenya keessoo mirkaneessuun adda duree ta’uu eeranii, kanaaf ammoo tasgabbiin siyaasaa humna dabalataa akka ta’e himaniiru.
Xiinxalaan Dhimmoota Hawaas-Diinagdee fi Ogeessi Diinagdee Obbo Waasihuun Balaay gama isaaniin, tokkummaa fi muuxannoo biyyoota walitti hidhamiinsa cimaa uumanii haala hojiirra oolchuun danda’amuun hojiitti hiikuu barbaachisa jedhaniiru.
Dhimmi walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu yakkoota daangaa ce’oo ittisuu fi to’achuuf faayidaa olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannaa kennuun akka barbaachisu ogeessi kun himaniiru.
Akka hayyoonni kunneen jedhanitti, dhaabbilee biyyaa keessaa cimoo ijaaruun murteessadha jedhaniiru.
Awwal Abarraatu gabaase.
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.