Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi waaraan naannichatti akka mirkanaa’uuf tumsi abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa murteessaadha-Obbo Umud Ujuluu

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Nageenyi waaraan naannichatti akka mirkanaa’uuf tumsi abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umud Ujuluun dubbatan.

Obbo Umud Ujuluun abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa waliin haala yeroorratti mari’ataniiru.

Jijjiiramni yeroo ammaa mul’atu itti fufiinsa akka qabaatuu fi duudhaan waliin jireenyaa, waltumsi Ityoophiyummaa akka cimuuf hunduu miira itti gaafatamummaan hojjechuu qaba jedhaniiru.

Keessumaa abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa naannichatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf qaama furmaataa ta’uu akka qaban dubbataniiru.

Nageenya magaalota naannichaa amansiisaa taasisuuf, guddina caaluuf akka tattaafataniif gurmaa’inni dhaabbilee garaagaraa cimanaan akka hojjetan gaafachuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.