Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi ummata Maqalee eegamuu qaba – TKM

Finfinnee, Mudde 8, 2015 (FBC) – Nageenyi ummata Maqalee eegamuu akka qabu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Mootummaan Ityoophiyaa nageenyi Ummataa fi biyyaa eeguuf jecha akkaatuma waliigalteen osoo oolee hin bulle hojiitti hiikaa jiraachuu ibseera.

Yeroo ce’umsaa kana akka carraatti fayyadamuun iddoolee Raayyaan Ittisaa hin qaqqabnetti bifa gurmaa’een ummatarratti saamichii fi ajjeechaan raawwatamaa jiraachuu ragaan kan mul’isu ta’uu tajaajilichi ibseera.

Keessattuu magaalaa Maqalee fi naannawaa isheetti Paatirooliin deeggaramuun dhaabbilee daldalarratti saamichi olaanaan raawwatamaa jiraachuu ragaan kan mul’isu ta’uu ibseera.

Ummanni miidhaa hammaataa keessa jiraachuu bilbilaa fi karaalee garaagaraan ibsaa jiraachuu eereera.

Sababa waliigaltee nageenyaan bu’aa walitti bu’iinsarraa argatan qaamoleen dhaban gochaa kana raawwachaa jiraachuu himeera.

Kanneen yakka kana raawwatan itti gaafatamummaa jalaa kan hin baane ta’uu hubachuu akka qaban akeekkachiiseera.

Mootummaan nageenya ummataa eeguuf tumsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.