Nageenyi sirna faayinaansii hunduu eegamaa waan ta’eef hawaasni sodaa malee fayyadamuu danda’a-BBI
Finfinnee, Bitootessa 8, 2016 (FBC)-Dhaabbilee Faayinaansii hundatti nageenya sirna faayinaansii hunduu eegamaa waan ta’eef hawaasni sodaa malee tajaajila faayinaansii fayyadamuu itti fufuu akka danda’u Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Baankichi nageenyi sirna faayinaansii hundi daran eegamaa, amansiisaa, tasgabbaa’aa ta’ee akka itti fufu tarkaanfii fooyyessa sirnaa fi hojmaataa fudhachuu akka itti fufu hubachiiseera.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa addaan cituu tajaajila dijitaal baankiingii Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa mudate ilaalchisee ibsa baaseera.
Ibsichaan Bitootessa 7 bara 2016 Baankii Daldala Itiyoophiyaatti rakkoo sirna baankii dijitaalaa mudateen tajaajilli idileen sa’atii murtaa’eef addaan cituu yaadachiiseera.
Baankonni tajaajila saffisaafi nageenyummaan isaa eegame kennuuf sirna isaaniirratti yeroo yeroon sakkatta’iinsa ageenyummaa fi hojiimaataa fooyyessuu akka aawwatan eereera.
Sakkatta’iinsa taasisanis darbee darbee addaan ciccitiinsaa mudachuu akka danda’u hubachiiseera.
Guyyaa kaleessaa tajaajjilli addan cituu Baankii Daldala Itiyoophiyaa irratti mudate haala kanaan kan walqabatu ta’uu Baankichi mirkaneesseera.
Wayita rakkichi mudatee eegalee Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa qooda fudhattoota waliin qindoominaan nageenya baankichaa fi maamiltootaa mirkaneessuuf hordoffii cimaa taasisaa turuus beeksiseera.
Tajaajiloonni idilee baankichaa yeroo gabaabaa keessatti tajaajila idileetti akka deebi’u taasisuu akka danda’ame ibseera.
Tajaajjilli addan cituu Baankicha mudates taatee baankicha, maamiloota isaa akkasumas sirna faayinaansii isaa irratti balaa uumu akka hintaanes Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa sababa rakkichi mudateen dhamaatii maamiloota mudate dabalatee miidhaawwan kan biroo mudatan qorannnoo taasisuun fuulduraatti hawaasa kan beeksisu ta’uu mirkaneesseera.
Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa sirnoota dhaabbilee faayinaansii fayyadu nageenyi isaanii kan eegame, amansiisaa, saffisaa fi fedhii maamiltootaa kan guutan waan ta’aniif yeroo yeroon hordoffii fi to’annoo ni taasisa jedheera.
Hawaasni yaaddoo tokko malee tajaajiloota faayinaansiitti fayyadamuu itti fufuu akka qabus hubachiiseera.
Dhaabbileen faayinaansiis sirnoonni isaanii nageenyi isaa kan eegamee fi saffisaa ta’uu isaanii dabaluuf amala jijijjiiramaa teeknooloojii hordofuun yeroo ittaanutti hojjechuu akka qabanis akeekeera.
Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa sirni faayinaansii waliigalaa nageenyi isaanii kan eeggame, amansiisaa fi kan tasgabbaa’ee ta’ee akka itti fufuuf tarkaanfii fooyyessa sirnaa fi hojmaataa fudhachuu akka itti fufu hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia