Nageenyi, misoomni fi tokkummaan ajandaa ijoo Paartii Badhaadhinaati-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC)– Nageenyi, misoomnii fi tokkummaan ajandaa ijoo Paartii Badhaadhinaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaahinaa har’a eegalerratti haasawaa taasisaniin, har’as akkuma kaleessaa badhaadhinni nageenyaaf, misoomaa fi tokkummaaf harki isaa diriiraa ta’uu kan himaniiru.
“Yaa’ii kanaan ergaan paartichi ummata Itiyoophiyaaf dabarsus, walitti bu’iinsi haa ga’u, haa qaroomnu, haa mari’annu, qawwee bara 60’oota keessaa hidhattan hiikaachuun, karaa nagaa fi diimokiraatawaan, Itiyoophiyaa badhaatuu ijaaruuf waloon haa hojjenu” jedhaniiru.
Qabsoo karaa nagaa, falmii yaadaa fi marii taasifamuuf Paartiin Badhaadhinaa, daandii walakkaa akka imalu yeroo darbee agarsiisuu yaadachiisanii, aadeffannaa kana ammallee cimsee kan itti fufu ta’uu, Nageenya, misoomaa fi tokkummaan ajandaa ijoo paartichaa ta’uu kaasaniiru.
Paartichi yeroo darban keessa qormaanni heduun mudachuu yaadachiisanii, amma garuu ga’umsaa qormaataa darbuu danda’u horateera jedhan.
Fuulduraatti qormaanni hinjiruu jechuu akka hintaanee kan himan Dooktar Abiy, har’as akkuma kaleessaa mudhii hidhachuun hojjennee injifachuun, bu’uura badhaadhina Itiyoophiyaa ni keenya jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia