Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi Magaalaa Bahirdaar haala amansiisarratti argama jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) – Nageenyi Magaalaa Bahirdaar haala amansiisarratti kan argamu ta’uu ibsameera.
Rakkoo nageenyaa finxaaleyyiin uumaan hordofee lammiilee nagaarratti haleelaan raawwatamaa turuu Itti Gaafatamaan Qajeelcha Nageenyaa magaalaa Bahirdaar Geetinnat Annaagaaw eeraniiru.
Hojii nageenyaa hojjetameen namoonni hidhannoon hawaasa nagaa ugguraa turan 112 guyyaattan darban keessa to’annoo jala ooluu kaasaniiru.
Daandiwwan cufuun sochii diinagdee magaalichaa gufachiisuuf yaaliin taasiifamus hojii nageenyaa hawaasa waliin tumsaan hojjetameen shirri finxaaleyyii fashalaa’uu himaniiru.
Dhaabbilee nageenyaa deebisanii gurmeessuun hojii hojjetameen yakkoota magaalichatti raawwatamaa turan ittisuun danda’amuu Itti Gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Magaalaa Bahirdaar Komaandar Waalelinyi Biimiraw ibsaniiru.
Riifoormiin caasaa nageenyarratti hojjetame nageenya waaraa mirkaneessuuf dandeettii uumuu dubbataniiru.
Dassaalenyi Biraarratu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.