Nageenyi itti fufiinsaan akka mirkanaa’uuf waldanda’uun amantaalee mirkanaa’uun barbaachisaadha-Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Amajjii 11, 2015 (FBC)- Finfinneettis ta’e guutuu biyyattiitti nageeyi akka mirkanaa’uuf waldanda’uun amantaa, qajeelummaa fi tajaajilummaan mirknaa’uun barbaachisaadha jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubbatan.
Aadde Adaanech Ayyaana cuuphaa Finfinnee Hurufaa Boombiitti (Jaanmeedaa) kabajamerratti argamuun ergaa bagaa ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin, Ayyaanni Cuuphaa Cuuphamuu Yesuus Kiristoos ta’ee utuu jiruu qajeelummaa olaanaan dhala namaa harkatti kan cuuphame yaadachuuf kan ayyaaneffamu ta’uu kaasaniiru.
Ayyaanichi duudhaa amantaa eeggatee farfannaan, sagadaan, tokkummaa fi tajaajilummaan kaleesarraa eegalee magaalattiitti kabajamaa jiraachuu eeraniiru.
Ayyaanni cuuphaa UNESCO’tti kan galmaa’ee jiru ta’uu yaadachiisanii, ayyaana hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo fi ayyaanaa Ityoophiyaanota hundaa ta’eera jedhan.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ayyaanota akka Ayyaana Cuuphaa nagaan akka kabajaman hojjechaa turuu fi fuuldurattis akka hojjetu mirkaneessaniru.
Ayyaanni Cuuphaa nagaan akka kabajamuu gumaachaa jiraattonni magaalattii fi qaamolee nageenyaa taasisaaniif Aadde Adaanech galateeffataniiru.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase