Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi Hundaaf; Hundis Nageenyaaf Wabii Ta’uu Qaba-BKO

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Nageenyi Hundaaf; Hundis Nageenyaaf Wabii Ta’uu Qaba jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi ibsa baaseen, Oromoof kan malu injifannoo argate tikfachaa, kan hafeef waloon hojjechuu malee wal waraanuufi wal irratti duuluu miti jedheera.

Ibsa biirichi baase guutuun akka ittaanutti dhiyaateera.

Biyyi keenya Itoophiyaan waggootaaf qormaata dam-daneessa keessaafi alaa ishee mudatu waliin wal’aansoo qabaafi wareegama qaqqaalii kaffalameen injifachaa ijaaramaa har’a geesse.

Qormaatni alaa wayiita mudatus birmadummaa biyyaa tiksuuf jecha saboonni, sablammoonnifi uummattoonni Itoophiyaa tokkummaan ka’uun rakkoo waloo waloomaan qolachaa akka turan seenaatu dhugaa nuuf ba’a.

Kun ammoo duudhaa gootummaa waloon horanneefi har’as nu waliin jirudha.

Haata’u malee, akkuma qormaata alaa injifanne, rakkoo keessoo keenyaa mareefi marabbaan furachuuf carraalee hedduu kan qabnu ta’ullee, mootummoonni dhufaa darbaa sirna kanaaf mijaa’u diriirsuu dhabuu isaanitiin maraammartoo hiyyummaafi rakkoolee nageenyaa walxaxaa keessummeessaa har’a geenyee jirra.

Ammas murnoonni garaa garaa seenessa qeenxee hordofuun gochi boodatti hafaan kaleessaa akka itti fufu taasisuu irratti argamu.

Jijjiiramaan as aadaa siyaasaa boodatti hafaa kaleessaa maksuun nageenya waaressuu, imala badhaadhinaa milkeessuufi sirna dimokiraasii ijaaraa sabdaneessummaatti ulfina horuuf kutannoon hojjetamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas mareefi marabbaan wal dhibdee jiru furuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira.

Kanaafis ejjennoo guutuu kan qabu ta’uu irra deddeebiin beeksisaa kan tureefi harka nagaaf diriirsee balbalas nageenyaaf banee waamicha taasisaa tureera.

Kanaanis hidhattoonni Shanee kuma 1 fi 521 ta’an waamicha karaa nagaa mootummaan taasise simachuun leenjiin haaromsaa kennameefii jireenya idilee isaaniitti deebi’uun gaggeeffachaa jiru.

Yeroo ammaa kanas hidhattoonni kuma 2 ol waamicha karaa nagaa simachuun deebi’aniiru.

Oromoof kan malu injifannoo argate tikfachaa kan hafeef waloon hojjechuu malee wal waraanuufi wal irratti duuluu miti.

Haalli qabatamaan qabsoon Oromoo yeroo ammaa kana irratti argamus qabsoo hidhannoof kan isa geessu miti.

Gaaffiilee ijoo Oromoon qabsaa’aa tureefis kaan deebi’ee kaan irraa jalaan deebii argataa jira.

Wal takaaluufi wal irratti duuluun ammoo injifannoo arganne akka sabaatti tikfachuufi gaaffii dimokraasiif misoomaa deebisuuf qormaata ta’aa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ammas ilaafi ilaameen nageenya waaressuun filannoo isa jalqabaa akka ta’e amana; sanaafis hojjechaa jira.

Uummata wajjinis mareen bal’aan kan gaggeeffame yoo ta’u maree biyyaalessaa milkeessuufis ejjennoo guutuun gumaacha naannicha irraa eegamu taasisuu irratti argama.

Nageenya mirkaneessuun fedhii hunda hammateefi hirmaachiseen waan ta’eefis aadaa siyaasa boodatti hafaa keessaa ba’uun biyya hundaan, hundarraafi hundaaf ijaaruu keessatti hunduu dirqama isaa ba’achuuf hojjechuu qaba.

Kanaafis meeshaa waraanaa hidhachuun shororkaa’anii uummata shororkeessuu keessaa ba’uun duudhaa keenya ganamaa mareefi marabbaan rakkoo hiikuun fala waaraa taasifamee fudhatamuu qaba.

Kana milkeessuufis gaaddisa Oromoofi Oromummaa jalatti deebi’uun qaamni hidhatee bosona jiru hunduu gara nagaatti akka deebi’u irra deebiin waamicha dhiyeessina.

Hayyoonniifi uummanni naannoo keenyaas Oromiyaa nagaa qabeettii, misoomni ishee mirkanaa’ee kaaniifis fakkeenya taatu uumuu keessatti shoora ba’achuu eegaltan cimsitanii itti fufuun imala jalqabame akka waloon milkeessinu hubachiifna.

Akkuma abboonni keenya tokkummaan weerartoota qolachuun biyya birmadummaa ishee mirkaneeffatte nu dhaalchisan dhaloonni ammaas tokkummaa keessoo keenyaa cimsachuun tarsiimoo diigumsaa diinonni biyya keenyaa qopheessan fashaleessuun badhaadhina galmaan ga’uuf hojjechuu qabna.

Nageenyi hundaaf; hundis nageenyaaf wabii ta’uun sirna Federaalizimii sabdaneessaa hammattoo obbolummaatiin milkeessuuf waloon haa hojjennu.

Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa

Bitootessa 2016

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.