Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi guddinaaf qofa osoo hin taane akka biyyaatti itti fufuuf dhimma murteessaadha jedhame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Nageenyi guddinaaf qofa osoo hin taane akka biyyaatti itti fufuuf dhimma murteessaa waan ta’eef garaagarummaa dhippisuun, wal danda’uun, wal kabajuufi wal tumsuun barbaachisaa ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Waltajjiin marii diyaaspooronni waamicha iid hanga iid fudhachuun dhufan, abbootiin qabeenyaa, hayyoonniifi dhaabbileen dhimmi isaa ilaallatu irratti hirmaatan guyyaa har’aa gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan, Ityoophiyaan haala qabatamaa keessa jirtuun hawaasni diyaaspooraa biyyoota jiraatanitti muuxannoowwan wal danda’uu amantaalee qooduurratti ga’een qabu olaanaa ta’uu waltajjichaan eeraniiru.

Diyaaspooraan haalota biyyoota keessa jiraataniin osoo hin daangeffamiin yeroo maraa hariiroo  biyyasanii waliin qaban cimsuuf hojiileen hojjetan kan jajjabeeffaman ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.