Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa fi Tasgabbii magaalichaa mirkaneessuun hirmaannaa ummataan ta’uu qaba jedhame

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii fi kallattii yeroo itti aanuu gamaaggame.

Hojiileen gama nageenyaa, raawwiin proojektootaa, dizzaayinii ijaarsaa, carraa hojii uumuu, galii walitti qabuu, barnootaa fi fayyaan hojjetaman gaarii ta’uu gamaaggamichaan akka ciminaatti ilaallamuu ibsameera.

Hojiin qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojjetamanis gaarii ta’uu eerameera.

Baatiwwan salgan darban hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hedduun hojjetamuu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen eeraniiru.

Keessattuu nageenya magaalichaa mirkanneessuuf hojiin hawaasa hirmaachisuun hojjetame jajjabeessaa ta’uu himaniiru.

Ciminoota turan itti fufsiisuun hanqinoota muul’atan furuuf hoggansa rakkoo furuu danda’u ta’anii argamuun dirqama ta’uu Aadde Adaanachi kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.