Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa fi tasgabbii lammiilee eegsisuuf kan yeroo kamiyyuu caalaa cimsee akka hojjetuu Paartiin Badhaadhinaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii lammiilee eegsisuuf kan yeroo kamiyyuu caalaa cimsee akka hojjetuu Paartiin Badhaadhinaa beeksiseera.

Paartichi yaa’iisaa jalqabaa gaggeessuu itti fufeera.

Olmaa guyyaa har’a yaa’ichaa ilaalchisee hogganaan Damee Hariiroo Uummataa fi Idil-Addunyaa Paartichaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa ibsa laataniiru.

Hoggantoonni, miseensoonni paartii badhaadhinaa fi deeggartoonni nageenyaa fi tasgabbii lammiilee eegsiisuun hojii dursii laatamuuf ta’uu akka qabu waliigalteerra ga’amuu ibsaniiru.

Paartichi dhimmi nageenya dursu kan hin jirre ta’uus kaasaniiru.

Yaada gurmaa’insi, hoggansaa fi miseensoota paartichaa sirnaan fudhachuun nageenya eegsiisu proojektii guddicha paartii badhaadhinaati jedhan.

Hoggansi paartichaa umamaan siyaasa, diinagdee, nageenyaa fi rakkoo hawaasummaa biyyatti hiikuuf sa’aatii 24 guutuu hojjechuu akka qaban yaa’ichaan mirkanaa’eera.

Dhimma uummattoota naannoo Tigraayiin walqabsiisee yaa’ichaan kan mari’ataa jiru yoo ta’uu, rakkoo gareen shororkeessaa uumeen hawaasni rakkoof saaxilamuun kaasaniiru.

Paartiin badhaadhinaa dhiibbaa uummataa Tigraayiirra gahaa jiru hambiisuu fi nagaa fi tasgabbii akka jiraatuu taasisuuf filannoowwan nageenya jiru jedhamaan hundatti akka fayyadamuus kaasaniiru.

Yaa’ichaanis lammiilee kutaa biyyatti naannoo gammoojjii jiraataan rakkoo hongeen saaxilamaan furuuf hojjechuus akka qabus himaniiru.

Yaa’iin paartichaas ajandoota 5 akka qabu Dooktar Biqilaan himaniiru.

Alaazaar Taaddasaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.