Nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa mirkaneessuuf labsii yeroo ariifachiisaa kaasuun tarkaanfii sirriidha – Turk
Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa mirkaneessuuf labsii yeroo ariifachiisaa kaasuun tarkaanfii sirrii ta’uu Turk ibsite.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Labsiin yeroo ariifachiisaa akka ka’u murteessuun tarkaanfii sirrii fi biyyattiitti waan akka gaariitti ilaallamu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Turkii beeksiseera.
Murtoon kun Nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaa mirkaneessuuf murtoo sirrii ta’uu Turk ni amanti jedheera.
Ministeerichi Ityoophiyaatti nageenyaa fi tasgabbii buusuuf tattaaffii hundagaleessaa taasiifamu Turk kan deeggartu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.