Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa ummata Siiviilii naannoo Tigraay mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu himame

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) – Nageenyaa fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa ummata Siiviilii naannoo Tigraay mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu Koomishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Koomishinichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen haalli rakkoo nageenyaa naannoo Tigraay yaaddessaa ta’aa dhufuu isaan taateewwan kanneen itti dhiyeenyan hordofaa jiraachuu beeksiseera.
 
Daayreektarri olaanaan Koomishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaa humnoonni nageenyaa federaalaa fi naannoo nageenyaa fi mirga ummata siiviilii haala kamiiyyuu keessatti eeguu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Keessattuu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii yeroo ariifachiisaa naannoo Tigraayirratti labsamuuf dhiyaate raggaasisuuf guyyaa har’aa walga’ii gaggeessurratti haala dhiyeessii midhaan nyaataa, qorichootaa fi deeggarsa namoomaa biroo xiyyeeffannoo keessa galchuu akka qabu daayreektarichi eeraniiru.
 
Akkasumas tajaajilli quunnamtii fi geejjibaa guutummaatti adda akka hin cinneef of eeggannoon akka taasiisan yaadachiisaniiru.
 
Naannichaatti baqattoonni hedduun qubatanii jiraachuu hubachiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.