Fana: At a Speed of Life!

Nageenya uummataa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjetaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Nageenya uummataa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjetaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Getaachoo Balchaa ibsan.

Obbo Geetachoon ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef kennaniin hojiwwaaan gurguddoo ji’ottan ja’an darban keessatti hojjetameen gama Kilaastera Qonnaa, Dinagdee fi Hawaasummaatin qoratamaa turuun keessaatti Galii sassaabuu, bishaan dhugaatii lammii hundaan ga’uu, hojii dhabdoota hojiitti galchuuf dhaabbiifi idileen hojjatamaan akka ciminaattii ka’aniru.

Dabalataanis gara Sektera qonnaan hojiin bal’aan hojjetamuu obbo Getaachoon himuun, hojiin baruuf barsiisuu akka naannoo Oromiyaatti geggeefamaa tureen harcaati haa qabaatu malee afaan Oromoo magaalaa Finfinnee fi Naannoo Beenishaangul Gumuzitti barsiifamaa turuun lammiin keenya afaan isaan akka baratuuf hojiin gaariin hojeetamaa tureeras jedhan.

Fayyaa uummata irratti sekterichi humna namaa guutachuu, dawaa yeroon bakka barbaachisu qaqqabsiisuun fayyaan lammi akka eegamuuf hojetamaa kan ture ta’uus akka ciminaatti ka’eera.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Abbooti Gadaa, Abbootii amantiifi hayyoota Oromoo irratti hirmaachisuun hojjachaa turus hanga barbaadameen nageenya waaraa fiduu irratti kan hafu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan fedhiif ilaalcha jiru dhiphisuuf mootummaan carrawwaan hedduu kennuun araarri akka bu’uf hojjeta tureeras jedhan.

Haa ta’u malee nagaa uummataa yeroodhaa gara yerootti boora’aa waan deemeef mootummaan nagaa uummataa mirkaneessuuf seera kabachiisuun dirqama qaba.

Kanaaf qaamni qawwee baatee bosona jiruf mootummaanis qawwee lafa kaa’uun garaagarummaa jiru akkaataa dhiphisuun danda’amu irratti qaamni lamaan mari’achuun barbaachisaadha.

Rakkoo gama nageenyaatiin jiru furuuf ammoo ammas Abbootin Gadaa, Abbootin amantii fi hayyootni Oromoo giddu seentummaan araara buusun barbaachisaadha jechuun obbo Getaachoon dhaamani jiru.

Dhuma irrattiis gaaffiwwan uummataa kan Aadaa, Afaani, lafaa fi rakkoo hoji dhabdummaa hiikuuf Paartiin Keenya akkaata heeraaf seera biyyatti kabajeen akka hiikamuf hojjetamaa jiruus himu ragaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa argame ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.