Fana: At a Speed of Life!

Nageenya ummataaf jecha hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu dhiibbaa alaa fi keessaa kamiyyu hinqabu-Dooktar Yiliqaal kaffaalaa

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraatti hojiin olaantummaa seeraa kabajchiisuu eegalame, dhiibbaa alaa fi keessaa kamiyyu kan hinqabne galmi isaa ijoon nageenyaa fi tasgabbii ummataa mirkaneessuu akka ta’e Preezdaantiin Naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa dubbatan.

Nageenyi waan hundaaf bu’uura kan jedhan Dooktar Yiliqaal, nageenyaa malee misooma dinagdee fi tajaajiloota mootummaa karaa guutuu ta’een raawwachuun hindanda’amu jedhaniiru.

Akkasumas lammiileen fedhii diinagdee guuttachuu hindanda’an jedhaniiru.

Seer-maleessummaa fi naamusa dhabuu to’achuun yoo danda’ame, gaaffilee misoomaa sadarkaan deebisuun akka danda’amu qonnaan bultootaaf tiraaktarri kenname argisiistuudha jedhaniiru.

Dooktar Yiliqaal hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu naannnichatti gaggeeffamaa jiru nageenyaa fi tasgabbii itti fufiinsaan mirkaneessuuf malee shira biraakan  hinqabne ta’uu dubbataniiru.

Hundinuu kana hubachuun caasaa nageenyaa mootummaa cinaa dhaabbachuun akka deeggaru gaafataniiru.

Itti Gaaftamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaa gama isaaniin, waan hundaaf nageenya amansiisaa, sirna seeraafi tasgabbiin kabajame barbaachisa jedhaniiru.

Tokkummaa keessoo yeroo kamiyyu caalaa cimsuudhaan diinota alaarratti xiyyeeffatamu akka qabu hubachiisaniiru.

Maddi :-TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.