Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Oromiyaa eeguuf humna Poolisii ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-Pir. Shimallis

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Nageenya Naannichaa eeguuf Poolisii naamusaa fi ga’umsa loltummaa cimaa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoo addan hojjetamuu akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Qorannoon raawwii hojii baatii jahaa 2016 Komishinii Poolisii Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltonni olaanoo Mootummaa naannichaa, Komishinii Poolisii Oromiyaa, qondaaltota poolisii Godinalee fi Bulchiinsa magaaloota argamaniiru.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa Waltajjicharratti Poolisiin Oromiyaa hojii nageenya Ummataa Eeguu keessatti hanga arsaa lubbuutti kaffaluun ummanni keenyaa hojii misooma isaa akka hojjetuuf gahee Olaanaa baha turaaniru; ammas bahachaa waan jiraniif galatatu malaaf jedhan.

Qajeelfama fi kallatti hojii kennaniin ammas Nageenya Naannoo Oromiyaa Eeguuf Poolisii Naamusa fi ga’umsa loltummaa Cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoo addan hojjetamuu akka qabu hubachiisuu ragaan Komishinii Poolisii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.