Nageenya magaalaa Dassee fi naannawaa ishee tiksuuf hawaasni sochii lootee seentotaa si’oominaan hordofuu akka qaban ibsame
Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Nageenya magaalaa Dassee fi naannawaa ishee mirkaneessuuf hawaasni naannoo isaa si’oominaa fi tokkummaan eeggachuu akka qabu dursaa Itti Aanaa Kantibaan Magaalaa Dassee Saamu’eel Moollaalinyi ibsaniiru.
Obbo Saamu’eel turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaniin hawaasni akka wal hin amanne ajandaawwan garaagaraa ta’e jedhamee oomishamuun uummanni tasgabbii akka hin arganne qaamoleen hojjetan iddoo kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Nageenya magaalaa Dasee fi naannawaa ishee tiksuuf hawaasni sochii lootee seentotaa si’oominaan hordofuu akka qaban ibsaniiru.
Yeroo kanatti mootummaa cinaa ta’uun kaayyoo garee ABUT fi deeggartoota isaa fashaleessuun dabalata olola sobaan burjaaja’uun sirrii akka hin taane kaasaniiru.
Akkasumas tarkaanfii mootummaa fi bulchiinsi magaalichaa qaamolee seeraan alaarratti fudhataa jiran Uummanni tumsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Aandinnat Naahuusannaayitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.