Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Lammiilee Itiyoophiyaa Libaanos keessa jiraatanii tiksuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Nageenya Lammiilee Itiyoophiyaa Libaanos keessa jiraatanii tiksuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Nageenya lammiilee kanneenii eeguuf Koreen Teeknikaa hundaa’uun akkaataa qajeeltoo Dippiloomaasii lammiileen xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu ministeerichi himeera.

Qoonsilaan Jeneraalaa Itiyoophiyaa Beerutiitti argamu galmee fi hordoffii lammiilee saffisaan gaggeessuuf hojii eegaluu himeera.

Yeroo ammaas Lammiilee Libaanos keessa jiraataan qaama fi sirna diijitaalaan hojii galmee gaggeessaa jiraachuu ibsa baaseen himeera.

Lammiileen kunneen bakka nageenyi fooyya’aan jirutti akka socho’anii fi daa’imaanii fi dubartoota gara biyyaa deebisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin tattaaffii taasiisaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa himeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.