Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Galaana Diimaaf biyyonni 10 qindoomina uumuufi jedhame

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Galaana Diimaa irratti nageenya dooniiwwan daldalaa eeguuf jecha biyyoonni 10 qindoomina uumuuf walii galuu Ameerikaan ibsite.

Gartuun Yaman, kan Iraaniin deeggaramu, Hutiin gabaa idil addunyaaf ulaa guddaa kan ta’e Galaana Diimaa irratti haleellaa dooniiwwan irratti gaggeessan cimsaniiru.

Huutiin kana kan godhaa jiru haleellaa Israa’el Gaazaa irratti gaggeessituuf deebii kennuuf akka ta’e ibseera.

Gartuun kun haleellaa kunneen kan gaggeessan haleellaa Israa’el Gaazaa irratti gaggeessituuf deebii kennuun akka ta’e ibsaniiru.
Wiixata irratti gartuun Hutii doonii dabalataa lama irratti haleellaa gaggeessaniiru.

Biyyoota kurnan qindoomina uumuuf waliigalan keessaatti UK, Kaanada, Baahreen, Faransaay, Noorweey, Ispeenifi Siisheels kan argaman ta’uu Ministeerri Ittisaa Ameerikaa himeera.

Dooniwwan daldalaa hundi bilisaan akka socho’aniif gargaaruuf biyyootiin kun maqaa Operation Prosperity Guardian jedhu jalatti hojjetuus jedhamuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.