Fana: At a Speed of Life!

Nageenya dhaabbilee bu’uuraalee misoomaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabus akeekame

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Nageenya dhaabbilee bu’uuraalee misoomaa ijoo mirkaneessuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa qorannoowwan dhaabbilee bu’uuraalee misomaa faayidaa diinagdee, hawasummaa fi siyaasaa olaanaa qaban irratti gaggeesseen yaaddoowwan nageenyaa mudatan ilaalchisee qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Marichaan miidhaa biyyaalessaa ga’uu hojiilee eegumsa nageenyaa dhaabbilee taasifamuu fi gama yaaddoowwan jiraniin kan walmadaalu ta’uu akka qabu akkeekameera.

Keessumaa eegumsaa dhaabbilee humna namaa leenji’een cimsuu akkasumas sirna kennisa deebii yeroo balaa diriirsuun akka barbaachisu qorannichan eerameera.

Hawaasa naannawaa dhaabbilee bu’uuraalee misoomaa ijoo jiraatan hojiilee misoomaa faayyadamtoota isaan taasisan irratti hirmaachisuun hawaasaa keessaatti miira abbummaa uumuun barbachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ittaanaan Daayrektara Jeneraalaa Tajaajilaa Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Siisaay Tola, xiyyeeffannan qorannichaa sababa yaaddoo nageenyaan miidhaa biyyaalessaa qaqqabu kan giddugaleeffate ta’uu kaasanii, hanqinaalee mul’atan sirreessuuf hirmaannaan qaamoleen dhimmichi ilaallatu murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Qorannoon yaadoon nageenyaa kun rakkoolee addaa baafaman kan dhaabbilee bu’uuraalee misoomaa qofa akka hin taane eeruun, fuulduraattis bu’uuraalee misoomaa ijoo guutuu biyyattii hundarratti qorannoon walfakkaataan ni gaggeeffama jedhaniiru.

Ittaanaan Komishinar Jeneraal Komishinii poolisii Federaalaa Malaaku Faantaan akka jedhanitti, yaaddoon nageenyaa kan hafuu danda’u qaamolee nageenyaan qofaan osoo hin taane, hirmaannaa qooda fudhattootaan hojjechuun ta’uu ibsanii, qaamoleen nageenyaas nageenyaa bu’uuraalee misoomaa murteessoo eeguuf xiyyeeffannaa kennuun hojjechuu qabu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.