Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Daandirratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Nageenya Daandii ilaalchisee maatii barattootaa waliin mariin sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
 
Waltajjii hubannoo uumuu Ministeerri Geejjibaa qopheesserratti maatiin barattootaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalota lamarraa walitti babba’an hirmaachaa jiru jedhame.
 
Nageenya daandii maatii barattootaa hubachiisuun faayidaa hedduu qabaachuu Ministeera Geejjibaatti Itti gaafatamtuun Biiroo Qindeessa Tajaajilaa aadde Fatiyaa Daddagibaa ibsaniiru.
 
Maatii barattootaaf itti fayyadama daandirratti hubannoo laachuun balaa tiraafikaa qaqqabu hir’isuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.
 
Raawwiin nageenya daandii bara 2013 fi itti fayyadama nageenya daandii naannoo manneen barnootaa ilaalchisee sanadni dhiyaachuun irratti mari’atamaa jiraachuu ragaan Ministeera Geejjibaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.