Nageenya cimsuu fi gochawwan seeraan alaa irratti qabsaa’uuf kan hojjetan ta’uu jaarsoliin biyyaa naannichaa ibsan
Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – mootummaa cinaa dhaabbachuun nageenya cimsuu fi gochawwan seeraan alaa irratti qabsaa’uuf kan hojjetan ta’uu jaarsoliin biyyaa naannoo Somaalee ibsaniiru.
Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad jaarsolii biyyaa naannichaa waliin mari’ataniiru.
Waltajjichi haala nageenyaa magaalaa fi naannawaa daangaa mirkaneessuun danda’amurratti, haala qaala’iinsa gatii to’achuun danda’amurratti, hanqina boba’aa fi rakkoolee biroo akkasumas haala kenniinsa tajaajila haqaa cimsuun danda’amurratti kan kaayyeffate ta’uu eerameera.
Mootummaan dhimmoota kanneen irratti xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetu ta’uu obbo Muusxafeen ibsuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.