Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Ardiif biyyoonni Afrikaa biroon muuxannoo Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa qooddachuun hojjechuu qabu-Hoji Gaggeessituu Neeppaal

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Nageenya Ardiif biyyoonni Afrikaa biroon muuxannoo Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa qooddachuun waliin hojjechuu akka qaban Hoji Gaggeessituu Dhaabbata Misoomaa Gamtaa Afrikaa Neeppaad Aadde Naardoos Baqqalaa ibsan.
Aadde Naardoos waajjira olaanaa poolisii federaalaatti hojiilee dhaabbatichaan hojjetamaan keessumaa yakkootaa ittisuudhaaf teeknooloojiiwwan itti fayyadamaa jiru, teeknoolojii qorannoo ashaaraa daawwataniiru.
Aadde Naardoos daawwannicha booda akka ibsanitti, misoomaaf bu’uurri ijoon seera kabachiisuudha; teeknooloojiiwwan Poolisiin Federaalaa itti fayyadmaa jiru seeraa kabachiisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Teeknooloojiiwwan Poolisiin Federaalaa itti fayydamaa jiru kutaalee biyyattii hundatti babal’isuu akka qabu hubachiisaniiru.
Akkasumaas Poolisiin Federaalaan hojiilee riifoormii hojjetaman kanneen biyyonni Afrikaa biroonillee fudhatanii ba’uu akka danda’an kaasaniiru.
Ityoophiyaan qofaa ishee nagaa yoo taate guutuu waan hintaaneef, nageenyi Ardichaa akka mirkanaa’uuf biyyooni Afrikaa biroonillee, muuxannoo Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa qooddachuun waliin hojjechuu qabu jedhan.
Dhaabbanni Misoomaa Gamtaa Afrikaa Neeppaad guddinaa fi walta’iinsa Afrikaaf gumaacha gama hundaa akka taasisu ibsuu isaanii ragaan Koomishinii Poolisii Federalaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.