Nageenya amansiisaa mirkaneessuuf dhimmoota farra nageenyaa ta’an qulqulleessuu barbaachisa-Dooktar Abirahaam Balaay
Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Nageenya amansiisaa mirkaneessuuf dhimmoota farra nageenyaa ta’an qulqulleessuu kan barbaachisu ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abirahaam Balaay ibsan.
Nageenya mirkaneessuuf caaseffamaa fi guraa’iinsa cimaa fi hirmaannaa ho’aa uummataa kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin marii waloo dhaabbilee nageenyaa mootummaa federaalaa fi naannolee guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.
Waltajjichaan nageenya amansiisaa mirkaneessuuf dhimmoota farra nageenyaa ta’an qulqulleessuu barbaachisu ta’uu kaasaniiru.
Daayrektarri olaanaan Tajaajila Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xiruunahi gamasaaniin, nageenya fiduuf mari’achuu fi yakkamtoota seeraan gaafachuun barbaachisaa ibsaniiru.
Waltajjii marichaarratti gabaasni Ministeera Nageenyaa, dhaabbilee nageenyaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamuu fi kallattiiwwan fuuladuraa kaa’amuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.