Fana: At a Speed of Life!

Nagahee utuu hinqabatiin shaqaxoota fe’anii kanneen socho’anirratti tarkaanfiin fudhatamuufi

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Ministeerri Galiiwwanii daldaaltotaa fi dhaabbilee tajaajilaa seeraa taaksii utuu hinkabajiin nagahee malee shaqaxootaa fe’anii socho’anirratti tarkaanfii fudhachuuf ta’uu beeksise.

Ministeerichatti Daayrektoreetiin Qorannoo fi Waliin Dhahiinsa Taaksii Obbo Siisaay Gizuu, daldaltoonni yookaan dhaabbileen tajaajilaa kennan kamuu, seera taaksii eeguun ergaa bittaa fi gurgurtaa raawwatanii nagahee akka muran kan dirqamsiisuu ta’us, kanneen nagahee hinmurree mul’achaa jiraachuurraan ministeerichi tarkaanfii kan fudhatu ta’uu ibsan.

Meeshaan tokko wayita bitamee gurguramu, bitataan yookaan fayyadamaan taaksii dabalata qabeenyaa %15 kaffaluu akka qabu ibsanii, dhaabbileen tajaajilaa kennanis ta’e daldaltoonni seericha hordofuun hojjetan akkuma jiran nagahee kanneen hin kennine jiraachuu eeraniiru.

Isaani, dhaabbileen fe’iisaa fi shaqaxootaa fi qabeenyaalee sochoosan ta’uu kaasuun shaqaxooni fe’amuun dura sanada seera qabessa qabaachuu fi dhiisuu mirkaaneessuun akka irraa eegamuu ibsaniiru.

Tarkaanfiitti seenamuun duraas hojiin beeksisuu fi hubannoo uumuu kan hojjetamuu ta’uu eeruunis, naannolee hundaatti xiyyeeffannaan akka hojjetamu kallattiin akka kaa’amuu himaniiru.

Seera kaffaltii taaksiittiin fe’umsi tokko sanada seera qabeessa utuu hinqabatiin yoo argame abbaan fe’umsaa odeeffannoo kennuu akka qabuu fi sanadaa hinqabuu yoo ta’e qaama gurgurerratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.