Fana: At a Speed of Life!

Nagaan argamuusaan uummanni kasaaru hin jiru- Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Nagaan argamuusaan uummanni kasaaru hin jiru jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay.

Waggoottan lamaan darbanitti Ityoophiyaan waraanaan miidhamaa turuu yaadachiisuun, diinonni keessaafi alaa waliin ta’uun dhippisaanii turan jedhan.

Ityoophiyaan seenaashee keessatti bara 2010 ce’umsa aangoo nagaa qabeessa taasisuu ibsuun, akka carraa ta’ee ce’umsi nagaa qabeessi kun boora’ee qabsoo obsa fixachiisaa gaggeessaa turuu eeraniiru.

Carraan ce’umsaa haga ta’e naga qabeessa ta’e kun qormaatileefi wareegama hedduu keessa darbuu eeruun, har’a calaqqee nageenyaa harka keenya buuseera jedhan.

Nageenyi furtuu guddinaafi qabeenya guddaa ta’uu kaasaniiru.

Yeroon ammaa yeroo itti gaaffileefi rakkoleen garaagaraa itti furamaniifi  calaqqee nageenyaa argame itti kunuunfamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Tokkummaa biyyattii guddisuuf obsaafi gara bal’ina qabaannaan guyyaan itti injifannu fagoo miti jedhan.

Keessumaa ummanni Tigiraay nageenya arguuf hawwaa kan jiru ta’uu eeruun qaamolee fi namoonni dhunfaa akkasumaas gareewwan, nageenyaa ummanni barbaadu ammas dukkaneessuuf socho’an dhaabbachuu akka qaban ibsaniiru.

Waggoota lamaan darban rakkoolee mudateen nageenyaa waaraa mirkaneessuuf abdiin fooyya’aan harka keenya waan jiruuf dammaquu qabna jedhan.

Tigiraayitti, deeggarsa fi kaka’umsaa humna kamuu utuu hineegiin, waltajjiiwwan yaadni  hedduun irratti dhiyatu akka umamuuf, carraa nageenyaa fayyadamuun hatattamaan of gorsuuf qophaa’uu akka qabu dhaamaniiru.

Mataa nageenyaa ta’uu kan ragaa bahuu tarkaanfii fudhachuu akka jalqabuuf jajjabeessaniiru.

Mootummaan federaalaas Raayyaan Ittisa Biyyaa waliin haala mijataa uumuuf tarkaanfilee fuulduratti fudhatu deeggaruu fi hirmaachuu akka itti fufu imaanaa jedhaniiru.

Naannoo Tigiraayittis ta’e guutummaa biyyattiitti nageenya mirkaneessuuf carraa argame waggoota afuriin dura ta’uu yaadachiisanii, carraan nageenyaa biroon ammo ammaa waan ta’eef, waloon haa dammaqnu jechuun ibsaniiru.

Carraan qaanqee nageenyaa argame buttoota harka akka hingalle eeguu, gorsaa fi tasgabbiin  bu’uuressuu, hojiirraa oolmaa isaas haa deeggarru jedhaniiru.

Rakkoolee dabarsineen miira ulfaataa umameen, xiinsammuu ummataa keessatti wal amantaa dhabuun uumameera jedhanii, gama kanaan abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa, aartistoonni, rogeeyyiin, haala ummata keessatti umame kana deebisuuf ittigaafatamummaan akka socho’an imaanaa jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.