Fana: At a Speed of Life!

Nagaa fi tasgabbii naannawichaaf IGAD hojiilee hedduu hojjeteera-Dooktar Warqinaa Gabayyoo

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)-Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) nagaa fi tasgabbii naannawichaaf hojiilee bal’aa hojjechuun jijjiiramni dhufuu Barreessaan Olaanaa Dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo ibsan.

IGAD hojiilee ijoo bara Faranjootaa 2022 fi karoora bajata 2023 irratti Bishooftuutti mari’achaa turee xumureera.

Dooktar Warqina waltajjicharratti akka himanitti, dhaabbatichi bara 2022’tti nagaa fi tasgabbii naannawichaarratti jijjiirama bu’uuraa fideera.

Dursummaa Gamtaa Afrikaan waliigalteen nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi ABUT giddutti mallatteeffame, Sudaanitti waliigalteen nageenyaa taasifame naannwichatti milkaa’inaalee galmaa’an ta’uu ibsaniiru.

Nageenyii waaraan qaxanichatti itti fufinsa akka qabaatuuf dirqamni IGAD irra jira kan jedhan doktar Warqineen kana milkeesuuf humna dinagdee cimsacuun barbaachisadha jedhaniiru.

Bara 2022 bajanni IGAD % 10 ta’uu himanii, bara 2023’tti bajanni dhaabbatichaa %15’n akka dabaluu biyyoonni miseensotaa murteessuun cimina dhaabbatichaa kan mul’isuudha jedhan.

Hanqinni waliigahiinsaa jiraachuu kan kaasaan Dooktara Warqinaan batanii kunis fooyya’uu akka qabu gaafataniiru.

Dabalataanis, hojiilee riifoormii murteessoo kanneen akka ga’umsa raawwachiisummaaf ajandaa dijitaalaayizeeshinii cimsuun baasii hir’isuun, ergamaa isaa galamaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensonni dhaabbatichaa baajata dhaabbatichaa 2023 raggaasisuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.