Naayjeeriyaan bittaa fi gurgurtaa diijitaalaan Afrikaarraa biyya dursituu ta’uu ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Naayjeeriyaan bittaa fi gurgurtaa diijitaalaa fayyadamuun Afrikaarraa biyya dursituu ta’uu ishee ibsame.
Baankiin biyyaalessa biyyattii baasii bittaa fi gurgurtaa hir’isuuf, sirna faayinaansii ammayyeessuu fi guddisuuf sirna bittaa fi gurgurtaa diijitaalaa eegaluu beeksiseera.
Naayjeeriyaan sirna bittaa fi gurgurtaa diijitaalaa lammiilee isheef beeksisuun biyya Afrikaa jalqabaa ta’uu Preezdaantiin biyyattii Muhaammad Buhaariin ibsaniiru.
Sirni bittaa fi gurgurtaa kun waggoottan kurnan dhufanitti oomisha waliigalaa biyya keessaa biyyattii Doolaara Biiliyoona 29 guddisuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Sirni bittaa fi gurgurtaa kun erga eegalee baankiiwwan 33tti maamiltoonni miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 fayyadamoo tajaajilichaa ta’uu fi daddabarsi maallaqaa Doolaarri miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 2 taasifamuu ibsaniiru.
Maddi:- Aljeezraa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.