Fana: At a Speed of Life!

Naayijeeriyaatti Boottee Boba’aa fe’erra balaa mudateen lubbuun namoota 50 olii darbuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC) – Naayijeeriyaa Kutaa bulchiinsa Kaabaatti Bootteen Boba’aa fe’e Konkolaataa horii fe’e tokko waliin walitti bu’uun lubbuu namoota 50 olii galaafachuu ibsameera.

Balaa kanaan qabeenyi hedduun barbadaa’us ibsameera.

Konkolaattoonni naannawichatti argaman hedduun Ibiddaan barbadaa’uu Daayrektarri Ejansii Bulchiinsa Balaa Abduullahii Baabaan Arab ibsuu ‘African News’ gabaaseera.

Naayijeeriyaatti bara Faranjootaa 2020 keessa Bootteen Boba’aa fe’u walitti bu’uun lubbuun namoota 535 darbuu fi namoota kuma 1 fi 142 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.