Naayijeeriyaatti bidiruun dhidhimuun namoonni 150 du’uun himame
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) – Bidiruun namoota feetee imalaa turte Naayijeeriyaa Laga Niijar jedhamu keessatti dhidhimuun lubbuun namoota 150 darbuu fi hedduun miidhaa cimaaf saaxilamuuf himameera.
Namoonni kunneen bidiruu kanaan gara bakka qophii cidhaa imalaa akka turan gabaasaaleen ni mul’isu.
Bidiruun kun kutaa Bulchiinsa Niijar irraa gar Kwaaraa imalaa akka turte aanga’oonni naannichaa himaniiru.
Maddi balaa kanaas maal akka ta’e hin baramne jedhame.
Bulchaan naannoo Kwaaraa, Abduul Raahmaan Abdul Razzaaq akka jedhanitti, ‘‘namoonni baayyeen du’uufi kaan achi buuteen saanii dhabamaniiru’.
Bakka balaa mudate kanaan namoonni 150 ol du’uunsaanii mirkanaa’eera jedhan.
Hojiin Lubbuu baraaruu ammallee itti fufuu ibsaniiru.
Baatii darbe keessa bidiruun tokko dhiheenya bulchiinsa Sokotootti dhidhimtee namoonni 14 du’uun kan yaadatamu ta’uu BBCn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.