Fana: At a Speed of Life!

Naayijeeriyaatti balaa Xiyyaaraa qaqqabeen hogganaa waraanaa dabalatee qondaaltoonni 10 du’an

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Hogganaan waraanaa Naayijeeriyaa Leetnaat Jeneraal Ibraahiim Ataahiiruu balaa xiyyaaraa kaaba-lixa naannoo Kaaduunaatti mudateen lubbuun darbuu ibsameera.
Balaan kun yeroo xiyyaarri qilleensa qubachuuf yaaluu mudachuu Qondaaltoonni biyyattii isabiiru.
Qondaaltonni waraanaa biroo10 balaa kanaan du’uu himameera.
Preezdaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariin balaa qaqqabeen gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsaniiru.
Jeneraal Ataahiiruun nama ganna 54 yoo ta’an, baatii Amajjii keessa jijjiirama taasifameen gara aangootti dhufan jedhame.
Balichi osoo xiyyaarri buufata xiyyaaraa Kaaduunaatti qubachuuf jedhu mudate jedhe.
Preezdaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariin ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin,’’loltoonni keenya rakkoolee nageenyaa biyya keenya mudatan yeroo dhaabsisuuf fiixeerra ga’anitti duuti durse….’’ Jedhan.
Baatiwwan dura Xiyyaarri waraanaa Naayijeeriyaa hanqina lafa qubannaan magaalaa guddoo biyyattii Abujaatti balaan irra ga’ee, lubbuu namoota torbaa galaafachuun isaa kan yaadatamuudha.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.