Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Naannoo 11ffaa ta’uun hundaa’uun jijjiirrama jalqabneef agarsiiftudha – MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Naannoo 11ffaa ta’uun hundaa’uun jijjiirrama eegalleef agarsiiftuu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Sabdaneessummaan duudhaa tokkummaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Sirni Feederaalaawaa sirna ummanni ofiin bulchaa biyya ijaaru ta’uu eeraniiru.
Kanas gochaan agarsiifneerra jedhan.
Karaa nagaa, Diimookiraasii fi seeraan mirga heera mootummaatti fayyadamuun Ummattoonni Kibba Lixa Ityoophiyaa naannoo 11ffaa hundeessuu keessaniif baga gammaddan jedhuun ergaa dabarsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.