Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Somaalee oomisha Qamadii mataa isaan hongee ittisuuf dandeettii horateera – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Naannoon Somaalee oomisha Qamadii mataa isaan hongee ittisuuf dandeettii horachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad ibsan.

Obbo Musxafeen sagantaa eegalchiisa misooma Qamadii Jallisii Bonee bara 2015 godina Faafan aanaa Tulluu Guleettitti gageeffameerratti argamuun haasawa taasiisaniin, naannoon Somaalee oomisha Qamadii mataa isaan hongee ittisuuf dandeettii horateera jedhan.

Yeroo hunda midhaan deeggarsaan hongee ittisuun hin danda’amu jedhan.

Lafa hektaara kuma dhibba 8 fi kuma 47 irratti Qamadiin xiyyeeffannoo addaan misoomaa jiraachuu kaasaniiru.

Kunis qaala’iinsa gatii midhaan nyaataa naannicha muudataa jiruuf furmaata ta’a jedhan.

Naannichatti lafa misoomuu danda’u keessaa %10 qofti misoomuu eeraniiru.

Oomisha guddisuuf tattaaffiin taasiifamu cimee itti fufa jedhan.

Karoora Qamadii alatti erguu milkeessuuf mootummaan Somaalee Qamadii kuntaala miiliyoona 2 gabaa alaaf dhiyeessuuf waliigalteerra ga’amuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.