Naannoon Sidaamaa duula birmadummaaf Birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasiise
Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Naannoon Sidaamaa duula birmadummaaf Birrii miiliyoona 10, Sangoota, midhaan nyaataa fi bishaan saamsamaa Bahaar Daaritti argamuun deeggarsa taasiiseera.
Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon magaalaa Bahaar Daaritti argamuun Preezdaantii Naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagariif laataniiru.
Tokkummaan Ityoophiyaanootaa kaayyoon garee Shororkeessaa ABUT akka hin milkoofne taasiiseeera jedhan obbo Dassitaan.
Preezdaantiin Naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagar gama isaaniin deeggarsa Mootummaan naannoo Sidaamaa taasiise galateeffachuun,awwaalchi garee shororkeessaa ABUT yeroo dhiyootti kan raawwatu ta’uu ibsaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT Godina Kaaba Goondarii fi Kaaba Walloo haxaawwamee ba’aa jiraachuu ibsaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.