Naannoon Oromiyaa yeroo 2ffaaf Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 242 ol taasise
Naannichi sangoota kuma 1 fi 411, re’oota kuma 1 fi 85, hoolota kuma 3 fi 656 deeggarsa taasisuu eerameera.
Deeggarsichi Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 42 olitti kan shallagamu ta’uu hoggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa aadde Maskaram Dabbabaa wayita deeggarsicha dabarsanii laatan ibsaniiru.
Deeggarsi uummanni Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Deeggarsicha kan fuudhan Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daayrektarri Dayrektoreetii Bittaa Jeneraal Alamsaggad Wandoosan, raayyaan deeggarsa qabu yeroo maraa injifataa ta’uu ibsuun, deeggarsi taasifamu cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Qiddist Birhaanuufi Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.