Naannoon Oromiyaa keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afriikaarratti hirmaatan simachuuf qophii ta’uu ibsame
Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Naannoon Oromiyaa keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afriikaarratti hirmaatan simachuuf qophii ta’uu ibsameera.
Sadarkaa Ittaanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastera Magaalaa, Obbo Addisuu Araggaa naannichi keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afriikaarratti hirmaatan simachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Qophiilee taasifaman keessaas Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii fi Komiishinii Tuuriizimii naannichaa waliin ta’uun ogeeyyii Hootelootaaf leenjiin kennamuu himaniiru.
Keessummoota kanneen keessummeessuun cinaatti, aadaa fi duudhaa Oromoo beeksisuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.
dureeyyii hoggantoota biyyoota Afriika kanneen waliin dhufan haala mijataa qabeenya Tuuriizimii Oromiyaa beeksisuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Afriikaanonni Gamtichi Yaa’iisaa Finfinneetti taa’uuf murteesuusaa Ityoophiyaa fi Ummatasheef kabaja qaban kan itti agarsiisan ta’uu himaniiru.
Manni Maree nageenyaa DhMG wayita Ityoophiyaarratti dhiibbaa geessisuuf yaaletti hoggantoonni Afriikaa fi leellistoonni Paan Afrikaanizimii Mootummaa fi Uummata Ityoophiyaa cina dhaabbachuusaaniin galateeffataniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.