Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa dargaggoota kuma 50f hojii uumuuf qophii ta’uu beeksise

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Naannoon oromiyaa qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota adda duree kuma 5 misooma invastimantii, daldalaa fi tajaajilarratti bobbaasuuf qophii xumuruu beeksise.

Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee turtii Faanaa Broodkaastiing koorporeet waliin taasisaniin mootummaan naannichaa deggarsaa fi hordofii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota taasisuu cinaatti dargaggoota kuma 50 oliif hojiin ni uumama jedhaniiru.

Dooktar Girmaan akka biyyatti qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa adda duree ta’an adda baasuun badhaasaa gara garaa laachuun jajjabeessun erga eegalee waggaa tokko darbeera.

Kanumarraa ka’uun qonnaan bultoota fi horsiisee bultoota adda duree kuma 5 adda baasuun beekkamtii fi badhaasa laachufi jedhan.

Dabalataniis dargaggoota hojii dhabaa kuma 50 hojiitti galchufi qophiin xumuramuu dubbataniiru.

Akka naannoo oromiyaatti qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni bu’aa gaarii galmeessa jedhamanii adda ba’an miiliyoona tokko akka ga’an ragaan Biiroo Kilaastara Baadiyyaa Naannichaarra arganne ni muldhisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.