Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa, Soomaalee fi Afaar lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa Birrii miiliyoona 53 taasiisan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Naannoon Kibbaa, Soomaalee fi Afaar lammiilee naannoo Tigraayiif maallaqaa fi akaakuun deeggarsa Birrii miiliyoona 53 taasiisaniiru.
Ummanni fi mootummaan naannoo Kibbaa deeggarsa marsaa duraa taasiisan dabalataan Birrii miiliyoona 20 fi Ambuulaansoota 2 deeggarsa taasiisaniiru.
Naannoon Tigraay gootoota seenaa gaarii biyyattiif galmeessanii darban Ityoophiyaaf gumaachuu itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw waayita deeggarsicha laatan dubbataniiru.
Ummannii fi mootummaan naannoo Afaaris lammiilee naannoo Tigraayiif Birrii miiliyoona 13, Ambuulaansii 1 fi qorichoota birrii kuma dhibba 3tti tilmaamamu deeggarsa taasiisaniiru.
Rakkoon nageenyaa naannoo Tigraay keessatti muudatee tureen ummanni naannoo Afaar kallattiin miidhamuu Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaan ibsaniiru.
Akkasumas Ummannii fi mootummaan naannoo Soomaaleee deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasiisaniiru.
Deeggarsii fi hojiin hariiroo ummattootaa cimsuu yeroo itti aanu xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammadis himaniiru.
Ummannii fi mootummoonni naannolee kanneenii deeggarsa taasiisan Hojii Raawwachiisan Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay waayita deeggarsicha fudhatan galateeffataniiru.
Maddi:- Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibbaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.