Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa RIB’f deeggarsa Birrii miiliyoona 50 taasise

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Naannoon Kibbaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 50 taasiseera.

Deeggarsichas kan fuudhan Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen mootummaan naannichaa fakkeenyummaa deeggarsaan kan eeramuudha jedhaniiru.

Raayyaa Ittisaaf Birrii biiliyoona 5 walitti qabuuf karoorfame hojjetamaa jiraachuu ministirichi ibsaniiru.

Deeggarsicha kan kennan Hogganaan Biiroo Faayinaansii Naannoo Kibbaa Obbo Tafarii Abaatee, hawaasni naannichaa shororkeessaa ABUT weerara bane fashaleessuuf Birrii biiliyoona 1.4 ol deeggarsa taasisuu ibsnaiiru.

Naannichi weerara shororkeessaan ABUT marsaa 3ffaaf bane dhaabuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa wareegama kaffalaa jiruuf deeggarsa akaakuu garaagaraa Birri miiliyoona 220 olii taasisuu Dhaabbanni Televiizhinii fi Raadiyoo Kibbaa gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.