Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 11 ol galmeessaniif eeyyama Invastimantii kenne

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Naannoon Kibbaa abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii Biiliyoona 11 ol galmeessaniif eeyyama Invastimantii kennuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii naannichaa beeksiise.
Bara kana baatiwwan salgan darbanitti abbootii qabeenyaa dameewwan Invastimantii garaagaraan gaaffii dhiyeessanii fi Kaappitaala Birrii biiliyoona 11.4 galmeessan 244f eeyyamni Invastimantii kenamuu biirichi ibseera.
Qaamoleen kunneen wayita tajaajila laachuu eegalan namoota kuma 7 fi 466 carraa hojii dhaabbii, namoota kuma 14 fi 977f ammoo carraa hojii yeroo kan uuman ta’uu ibsameera.
Abbootiin qabeenyaa kunneen saffisan gara hojiitti galuun lammiilee fayyadamoo akka taasiisaniif mootummaan dhiyeessa lafaa eegalee deeggarsa barbaachisuu hunda kan taasiisu ta’uu ragaan Biiroon Invastimantii fi Indaastirii naannoo Ummattoota Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.